Maarliin Adaamsaniin
Waaqayyotti hangam amanannaa? Wantoota nu mudatan hunda keessatti fuula keenya gara isaatti deebifanna. Yeroo haalonni suni tasgabbaa’an wanta goonu sana hunda, yemmuu jeequmsi unu mudatus waanuma sana goonaa?
Waaqayyo akka nuti isa beeknu kan fedhu Waaqa uumaa uumama hundaa ti. Nuti hundi keenya amma as kan jirru sababa kanarraan kan ka’edha. Jabina, jaalalaa, qulqullummaa fi gara laafina isaa akka shaakalluu fi isattis akka amanannu fedha isaa ti. Warra fedhii qaban hundaaf “Gara koo koottaa” jechuudhaan waama.
Inni akka keenya miti, boru, torbee dhufu, waggaa kana fi waggoota kurnan dhufan keessatti maaltu akka raawwatu inni ni beeka. “Jalqabaa qabee hanga dhumaatti kan dubbatu ana duwwaadha. Waaqni ana fakkaatus hin jiru” jedha Isa 46:9. Addunyaa kanarratti waan ta’u hunda ni beeka. Isin gargaarufis isin wajjin ni ta’a. “Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, inni rakkina keessatti gargaara ta’uun isaa…” (Far 46:1) unutti himeera. Garuu garaa keenya guutuu isa barbaaddachuu qabna. “Garaa keessan guutuu yoo ana barbaaddattan ana argattu” (Er 29:13) jedheera.
Kana jechuunis namoota Waaqayyoorra rakkinnii fi qorumsi gonkumaa hin ga’u jechuu miti. Gochaan shororkeessitootaa namoonni hedduun akka du’anii fi dhiphatan akkuma godhu hunda, namoonni Waaqayyoos sana keessa miidhamuu danda’u. Garuu Waaqayyo isaan wajjin jiraachuun isaa jajjabinaa fi nageenya isaaniif kennu qaba. Hordoftoota Yesus Kristoos keessaa inni tokko, “Karaa hundumaa in rakkanna, garuu badduu hin baanu; waan goonu in wallaalla, garuu abdii in kutannu. In ari’atamna, garuu hin gatamnu; lafaan dha’amna, garuu achumatti hin hafnu” (2 Qor 4:8-9) jechuudhaan ibseera. Jireenya keenya keessatti qorumsi adda addaa unu mudachuu akka danda’u dhugaadha. Haata’u malee nama Waaqayyoo taanee yommuu qorumsa akkasii keessa darbinu qorumsa sana haala adda ta’ee fi humna unu biraa hin taaneen cimnee yommuu keessa dabarru argina. Rakkinnii fi qorumsi kamiyyuu humna Waaqayyootiin ol ta’ee hin beeku. Inni rakkina unu falmatan hunda caala. Kanaafis qorumsa sana hunda keessa qofaa keenya akka darbinuuf unu hin dhiisu.
Sagaleen Waaqayyoo, “Waaqayyo gaarii dha, yeroo rakkinaattis iddoo baqaa ti, warra isa amanatanis beeka” (Naho 1:7) jedha. “Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhi’oo dha. Inni fedha warra isa sodaatanii fiixaan in baasa; iyya isaaniis immoo in dhaga’a, isaan in oolchas” (Far 145:18-19) jechuudhaan itti dabalee dubbata.
Yesus jechoota garaa warra akkasii jajjabeessu akkas jechuudhaan dubbateera. “Simbirroonni lama beessee tokkotti gurguramuu mitii? Isaan keessaa tokkoyyuu fedhii Abbaa keessanii malee lafa hin buutu. Isin garuu rifeensi mataa keessanii cuftinuu lakkaa'amaa dha. Kanaaf hin sodaatinaa; Isin dimbiiccoo hedduu caalaa gatii qabduutii (Mat 10:29-31). Dhuguma gara Waaqayyootti yoo deebitan, haala namni kamiyyuu godhee hin beeknee fi gochuus hin dandeenyeen waa’ee keessaniif ni dirqama.
Waaqayyo gaafa sanyii namaa uume bilisummaa fedhii wajjinidha. Kana jechuunis isa wajjin dirqiidhaan tokkummaa akka qabaannu fedha isaa miti. Waa’ee isaa hunda gadi dhiisnee isa ganuudhaaf mirga qabna jechuudha. Dirqamaan akka isa jaallannu gochuu ni danda’a ture. Garuu utuu akkasitti uumeera ta’ee walitti dhufeenyi isa waliin qabaannu maal fakkaata jettanii yaaddu? Michuu gaarii ta’uu hin danda’u; ta’uu kan danda’u abboomamuu dirqamaa fi to’annoo cimaarratti hundaa’ee duwwaa ta’a ture. Inni garuu bilisummaa fedhii nuuf kenneera.
Akkuma amaleeffannaadhaan keessa lubbuu keenyaan “Yaa Waaqayyo haalonni hamma kanatti hamoo fi kan nama gaddisiisan hamma ta’anitti maliif calliftaa”? jennee iyyina.
Waaqayyo dhimma kanaaf deebii attamii akka kennu feenaa? Gochaa namootaa akka to’atu barbaannaa? Sababa shororkeessitootaan lakkoofsi namoota dhumanii akka hangama akka ta’uu feenaa? Namoonni dhibbatti lakkaawwaman akka duwwaan akka ajjeefaman utuu Waaqayyo eeyyamee miirri gaariin nutti dhaga’ama laataa? Moo Waaqayyo namni tokko duwwaan akka du’u yoo eeyyame? Haata’u malee Waaqayyo du’a nama tokkoo illee utuu dhorkee filannoo wanti jedhamu tokkollee jiraachuu hin danda’u. Namoonni Waaqayyoof dhimma dhabuu filatu, Waaqayyorratti kaka’u, fedhii mataa isaanii irraa deemuudhaan namoota biro irratti gochaa nama sukkanneessu raawwatu.
Biyyi lafaa kuni ilmaan namaaf gaarii miti. Namni tokko unutti dhukaasuu danda’a. Yookaan immoo balaa konkolaataadhaan rukutamuu dandeenya. Sababa shororkeessitootaan gamoo irraa lafa dhahuu dandeenya ta’a. Biyyaa lafaa gidiraadhaan guutamtee fi bakka haalli hundi akka fedha Waaqayyootti hin raawwanne kana keessatti wanti hedduun unurra ga’uu danda’a.
Garuu Waaqayyo araara namootaa irratti hin hirkatu, unutu araara isaa jala jiraata malee. Kuni Waaqayyo uumama samii hurjoota lakkoofsaan oli ta’an hunda jecha “Haa ta’au!” jedhuudhaan isa uume dha (Far 47:8). Humnaa fi ogummaa isaaf daangaa hin qabu. Wantoonni nuti mo’achuu hin dandeenye adda addaa yoo unu marsanillee, “Kunoo, ani Waaqayyo dha, sanyii namaa hundumaafis fooftaa dha; wanti anaaf hin danda’amne jiraa ree”? (Er 32:27) jechuudhaan kan nama jajjabeessu Waaqa dindii fi hunda danda’u qabna. Sanyii namaa isa cubbuu jaallatu kanaaf mirgasaa eegaaf, garuu fedha isaa eegaaf. Waaqayyo ifatti “Wantan dubbadhe iddoodhaan nan ga’a, akeeka koo nan raawwadha” (Isa 46:11) jedha. Jireenya keenya yoo isaan kennine jajjabina isa biraa arganna. “Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin in morma; warra gad of deebisaniif garuu ayyaana in kenna” (Yaq 4:6).
Hedduun keenya yeroo baay’ee Waaqayyoo fi karaa Waaqayyoorratti goolii uumna. Namoota biroo waliin yommuu of madaallu nuti fooyyee kan qabnu, akka waan namoota jaallannuu fi kabajinutti of lakkaa’uu dandeenya. Garuu garaa keenya banuudhaan otuu Waaqayyoon fuulaa fi fuulatti arginee, yaadni garaa keenyaa cubbuudhaan kan guutame ta’ee argina. Gara Waaqayyootti kadhannaadhaan yommuu dhihaannu waan hundumaan dadhaboota taanee, Waaqayyo yaada garaa keenyaa, gochaa keenyaa fi ofittummaa keenya akka arge yommuu hubannu naasuudhaan hafuurri nu hin cituu laataa? Jireenyaa fi oolmaa keenya adda addaan Waaqayyo irraa of faggeessina. Isa malees jireenya keenya haala dinqii ta’een gaggeeffachuu akka dandeenyutti of yaadina. Macaafni qulqulluun “Nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gore…” (Isa 53:6) jedha.
Egaa bu’aan waan kanaa maal ta’a laataa? Cubbuun keenya Waaqayyo irraa adda unu baaseera. Jireenya isa amma argaa jirru caalaatti egeree keenya abdii dhabsiiseera. Mindaan cubbuu keenyaa du’a dha, kunis bara baraaf Waaqayyo irraa adda ba’uu dha. Haata’u malee karaatti araara isaa argachuu dandeenyu unuuf qopheesseera.
Waaqayyo fayyina ilmaan namaa barbaacha gara biyya lafaa dhufe. ” Akka namni isatti amanu marti jireenya barabaraa qabaatuuf malee akka hin banneef, Waaqayyo hanga ilma isaa tokkicha kennutti akka malee addunyaa jaalateeraatii. Sababiini Waaqayyo ilma isaa gara biyya lafaatti ergeef, biyya lafaatti muruuf otoo hin ta'in, karaaa ilma isaatiin biyya lafaa fayyisuuf” (Yoh 3:16-17).
Addunyaa kanarratti siqiqii fi dhiphinni unu mudatu Waaqayyo sirriitti beeka. Yesus teessoo ulfinaasaa gadi dhiisuudhaan foon uffatee gara biyya lafaa, bakka mijataa hin taane gara namaa dhufe. Yesus baay’ee dadhabeera, beelaa fi dheebuu beeka, namoota irraa mormiin isa mudateera. Maatii fi michoota isatti dhihaatan irraa mormiin isa mudateera. Yesus guyyaadhaa gara guyyaatti haalli nama quru isa mudachuurra darbee, qorumsi jabaan isa mudateera. Yesus ilmi Waaqayyoo inni nama ta’e, fedhii guutuudhaan cubbuu keenya hunda fudhachuudhaan, gatii cubbuu keenya nurraa haqe. “Yesuus Kiristoos jireenya isaa dabarsee nuuf kenneera; jaalalli maal akka ta'es kanaan beekina; nuyis akkasuma jireenya keenya dabarsinee obboleeyyan keenyaaf kennuu qabna” (1Yoh 3:16). Reebamuu nama sukkanneessu keessa darbeera, fannoo irrattis salphifamee gidiraa argeera, siqiqiidhaanis ajjeefameera. Gochaa isaa kanaanis nuti araara arganneera. Yesus otuu hin du’iin dura akka fannifamee ajjeefamu namoota birootti himeera. Akkasumas guyyoota sadii booda du’aa ka’ee jiraataa akka ta’u dubbateera. Gaafa guyyaa sadaffaas awwaalchi Yesus duwwaa ta’ee argameera. Namoonni hedduunis inni du’aa ka’ee jiraataa ta’uusaa fi akka isa arganis dhugaa ba’an.
Inni amma jireenya bara-baraa nuuf kenneera. Gochaan kuni kan nuuf malu hin turre. Inni gara jireenya keenyaa akka seenu yommuu isa gaafannu kan gara jireenya keenyaa seenu, inni kennaa Waaqa biraatii nuuf kenname waan ta’eefidha. Kennaan Waaqayyoo karaa Yesus Kristos jireenya bara-baraati. Cubbuu keenyarraa qalbii diddiirrachuudhaan gara Waaqayyootti yoo deebine, jireenya bara-baraa isa karaa Yesus Kristos argamu akka kennaatti tola fudhanna. Kunis karaa wal-xaxaa hin qabnee fi kan ifa ta’e dha.
“Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Waaqayyoo hin qabne immoo jireenya hin qabu” (1Yoh 5:12). Yesus gara jireenya keenyaatti seenuuf hawwii qaba.
Waa’een mootummaa Waaqayyoo attamidhaa? Macaafni qulqulluun Waaqayyo, “…hawwii wanta bara baraa booddee ta’u beekuus yaada ilmaan namaa keessa kaa’eera” (Lal 3:11)nuun jedha. Tarii yaada garaa keenya keessatti biyyi hawwiin nuti dheebonnu maal akka fakkaattu baruuf hawwii qabna jechuudhaa. Duuni namoota nuti baay’ee jaallannuu addunyaa nuti keessa jiraannu kana keessa rakkinni tokko akka jiruu nuuf mirkaneessa. Eenyummaa keessa lubbuu keenyaa keessaa jiraachuudhaaf siqiqii fi dhiphinni hedduu laphee namaa cabsu irraa bakki bilisa ta’e tokko akka jiru ni hubanna. Dhugumayyo Waaqayyo bakka caalmaa qabu tokko nuuf qopheesseera. Bakki kunis bakkatti seerri isaa inni adda ta’e suni guutummaatti itti raawwatu dha. Biyya sana keessatti Waaqayyo ija nama hundaarraa imimmaan isaanii haqa. Achi boo’ichii, gidiraa fi dhiphinni duunis hin jiru. Waaqayyos hafuura isaan nama keessa jiraata, sana boodas cubbuutti hin jiraatan.
Haallitti shororkeessitoonni miidhaa uuman baay’ee nama sodaachisa. Firooma bara-baraa Yesus isiniif Waaqayyo gidduutti diriirse kana fudhachuu diduun gochaa shororkeesitootaa kana caalaa hedduu hammaataa dha. Karaa jireenya bara-baraa duwwaa otuu hin taane, biyya lafaa kanarrattillee jiraachuu Waaqayyoo gongumaa beekuu waan hin dandeenyeef isa malee jiraachuun jireenya keenya hadheessa. Kaayyoon jiraachuu keenyaa isa dha. Burqaan jajjabina keenyaas isa dha, yeroo jireenyi nutti bitaacha’u inni ogummaa keenya dha, jabinnii fi abdiin keenya isa dha. “Gaarummaan Waaqayyoo attam akka ta’e isin miyeeffadhaa ilaalaa! Namni isatti kooluu gale haa gammadu” (Far 34:8).
‘Waaqayyo hirkoo dha’ jechi jedhu jira. Garuu isa duwwaatu Waaqa tokkichaa fi amanamaa dha. Yesus, “Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna; ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu; garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis” (Yoh 14:27) jedheera. Namoonni bara jireenya isaanii Yesus irratti hirkatan, akka isaan jireenya isaanii kattaa jabaa irratti ijaarratan isaaniif mirkaneessa. Biyya lafaa kanarra gidiraa fi dhiphinni kamiyyuu yoo isin mudatu inni jajjabina isaa isiniif kenna.
Amma jireenya kamiyyuu keessa yoo taatanillee Yesusiin gara jireenya keessaniitti afeeruu dandeessu. “Warra isa simatanii maqaa isaatti amananiif garuu ijoollee Waaqayyoo akka ta'an mirga kenneef” (Yoh 1:12). Gara Waaqayyootti deebi’uu kan dandeenyu karaa Yesus qofaa dha. Yesusis “karaa fi dhugaan, jireenyis anuma; yoo anaan ta'e malee eennuyyuu gara Abbaa hin dhufu” (Yoh 14:6) jedheera. Itti fufees, “Kunoo ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta; namni kamiyyuu yoo sagalee koo dhagayee balbala naaf bane, ani ol nan seena…” (Mul 3:20) jechuudhaan waamicha dhiyeessa.
Amma Waaqayyo gara jireenya kee akka dhufu gaafachuu dandeessa. Kanas immo kadhannaadhaan gochuu dandeessa. Kadhannaa jechuun iftoomina guutuu fi dhugaadhaan Waaqayyo waliin du-dubachuu jechuu dha. Amma akka armaan gaditti ibsametti waan garaa kee keessa jiru baaftee ifatti isatti himuudhaan isa waliin mari’achuu dandeessa.
“Yaa Waaqayyo ani jireenya koo hundaan sirraa adda ba’een ture, amma garuu akkasitti itti fufuu hin barbaadu. Eenyummaa kee beekuu nan fedha. Yesus Kristosii fi dhiifama isaa jireenya kootti simachuun barbaada. Kana booda sirraa adda ba’ee jiraachuu hin fedhu. Har’aa kaasee ati Waaqaa fi gooftaa jireenya koo ta’i. Yaa Waaqayyoo jaalala fi araara keetiif sin galateeffadha.
Akka Waaqayyo gara jireenya keessanii dhufu garaa keessan irraa yoo isa kadhattan, gara fuula duraatti wanti isin barbaachisu waan hedduutu jira. Isa beekuu keessaniin jireenyi amma jiraachaa jirtan aara galfiin kan guutame akka ta’u Waaqayyo abdii isiniif kenneera. Waaqayyo eessa jiraa? Inni kana booda isin keessa jiraachuu fedha. Inni jireenya bara baraa isiniif kenneera.
Biyya lafaa kanarratti haalli kamiyyuu yoo jireenya keessan marse, Waaqayyo waa’ee keessaniif ni falma. Namoonni biroon karaa Waaqayyoo hordofuu yoo didanillee, inni muddamaa fi dhiphina adda addaa meeshaa itti kaayyoo isaa fiixaan baasu godhe itti fayyadama. Gochaawwan addunyaa kanarratti raawwatan hunda Waaqayyo ni to’ata. Isin kan Waaqayyoo edda taatanii abdii isa “Waaqayyo warra isa jaalatanii fi warra akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii ta'uuf jedhee akka hojjatu ni beekina” (Rom 8:28) jedhurratti boqochuu dandeessu.
Akkuma kanaandura dubbanne Yesus akka nu hin dhiifnee fi nu hin daganne kakuu akkas jedhu nuuf galeera, “Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna; ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu; garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis” (Yoh 14:27), “biyya lafaa kana irratti rakkinni isin argata; garuu jabaadhaa! ani biyya lafaa moo'adheeraatii" (Yoh 16:33).
Waaqayyoon caalmaatti beekuu fi yaada inni isiniif qabu baruuf akka isin gargaaruuf Macaafa qulqulluu keessaa waneela Maatewoos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis keessatti dhugaawwan barreeffaman dubbifadhaa.
► | Yesuus gara jireenya koo akka seenu affeerera (Yaada dabalataa) |
► | Yesuusiin gara jireenya kootti simachuu nan fedha. Waa'ee kanaa caalmaatti na hubachiisaa. |
► | Gaaffiin qaba |